Wiirtuun Tajaajilaa Tokkoffaa (MESOB) Magaalaa Shaggar, Damee Buraayyuu, Raawwii Hojii Kurmaana 1ffaa Gamaaggame

← Gara Oduu deebi'i
Oduu

Suuraa: Wiirtu Tajaajilaa K.M.Buraayyuu

Wiirtuun Tajaajilaa Tokkoffaa Magaalaa Shaggar, Damee Buraayyuu, waajiraalee mootummaa 28 fi tajaajiloota mootummaa 164 bakka tokkotti walitti qabuun lammilee tajaajilaa jira.

Kenna Tajaajilaa Saffisaa, Qulqullina Qabu, Haqa Qabeessaa fi Teknooloojii Ammayyaatiin Deeggarame – Itti Quufinsa Lammilee Mirkaneessaa! Buraayyuu, Magaalaa Shaggar | Onkoloolessa 24, 2018 Wiirtuun Tajaajilaa Tokkoffaa (MESOB) Magaalaa Shaggar, Damee Buraayyuu, tajaajila mootummaa saffisaa, qulqullina qabu, haqa qabeessaa fi iftoomina qabu kennuun itti quufinsa lammilee mirkaneessuuf hojii bal’aa hojjechaa jira. Mootummaan kenna tajaajila mootummaa ammayyeessuu, dhamaatii fi deddeebii lammilee hir’isuu, yeroo fi baasii qusachuu akkasumas tajaajila gahumsa olaanaa qabu mirkaneessuuf Wiirtuuwwan Tajaajilaa Tokkoffaa hundeessuun xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jira. Kunis lammilee giddugaleessa kan godhate, teeknooloojii ammayyaa kan fayyadamu, tajaajila salphaatti argamuu fi iftoomina qabu diriirsuuf shoora olaanaa qaba. Wiirtuun Tajaajilaa Tokkoffaa Magaalaa Shaggar, Damee Buraayyuu, waajiraalee mootummaa 28 fi tajaajiloota mootummaa 164 bakka tokkotti walitti qabuun lammilee tajaajilaa jira. Akkasumas, sirnoota dijitaalaa ammayyaa kanneen akka Queue Management System (QMS), E-Service, Document Management System (DMS) fi Biometric Attendance System hojii irra oolchuun saffisummaa, iftoomina, itti gaafatamummaa fi gahumsa kenna tajaajilaa cimsaa jira. Haaluma kanaan, Wiirtuun kun raawwii hojii kurmaana 1ffaa gamaaggamuun ciminaalee galmaa’an adda baasuu, hanqinoota mul’atan irratti furmaata kaa’uu fi muuxannoo gaarii babal’isuuf marii gaggeesseera. Gamaaggama kana irratti raawwiin hojii kurmaana 1ffaa ogeessa Karoorraa fi Baajataa, Dargaggoo Yohaannis Abarraatiin dhiyaachuun, raawwii hojii, bu’aawwan galmaa’an, haala kenna tajaajilaa fi adeemsa hojii dijitaalaa irratti hojjettoota wiirtichaa waliin mariin bal’aan gaggeeffameera. Hojii gaggeessaan Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa (MESOB) Magaalaa Shaggar, Damee Buraayyuu, Injiinar Isaayaas Mokonnon, kenna tajaajila mootummaa saffisaa, qulqullina qabu, ammayyaa fi itti quufinsa tajaajilamtootaa mirkaneessu irratti hundaa’uun hojjechuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Injiinar Isaayaas akka ibsanitti, wiirtuun kun hojii eegalee kaasee tajaajiloota duraan waajiraalee adda addaatti kennamaa turan bakka tokkotti walitti fiduun, lammileen yeroo fi baasii isaanii qusachuun tajaajila argachuu akka danda’an taasiseera. Akkasumas, fayyadama teeknooloojii ammayyaa cimsuun tajaajila saffisaa, iftoomina qabu fi itti quufinsa tajaajilamtootaa irratti bu’aa qabatamaa galmeessaa jira. Bu’aa Raawwii Hojii Kurmaana 1ffaa 62,739 maamiltoota sirna dabaree (QMS) fayyadamuun keessummeeffaman. 59,976 ol ta’aniif tajaajila saffisaa fi si’ataa kennuun danda’ameera. Bu’aan kun wiirtichi tajaajila mootummaa bakka tokkotti kennuu, dhamaatii lammilee hir’isuu fi gahumsa hojii fooyyessuu keessatti tarkaanfii qabatamaa fudhachaa jiraachuu agarsiisa. Tajaajila mootummaa saffisaa, qulqullina qabu, haqa qabeessa, iftoominaa fi teeknooloojii ammayyaatiin deeggarame lammilee hundaaf kennuun, itti quufinsa uummataa mirkaneessuu fi galma Digital Ethiopia 2030 dhugoomsuuf ni hojjenna!